Ogeessonni fayyaa Itiyoophiyaa Kibxata irraa eegalee gartokkoon hojii dhaabuu kan labsan yoo ta’u, kunis haalli hojii hamaa ta’uu,malaammaltummaa sirna fayyaa keessaa, tuffii fi itti gaafatamummaa dhabuu qaama mootummaa irraa kan ka’e ta’uu ibsaniiru.
Kunis rakkoo sirna eegumsa fayyaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru keessatti jijjiirama murteessaa ta’efiduuf akka ta’e eeraa turanniru.
Sirni eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa qarqara kufaatii irra jira – ammas, ogeessonni fayyaa guutuu biyyattii keessatti argaman sagalee isaanii olkaasanii dubbachaa jiru.
Sochiin Ogeessota Fayyaa Itiyoophiyaa gaffiiwwan 12 aritiitidhaan deebi’uu qaban qaamolee dhimmi ilaalu maraaf erga dhiyeesse booda, akeekkachiisa guyyoota 30f kennaa tureera. Haa ta’u malee qaamni dhimmi ilaalu tuffiin ilaalurraa kan ka’e , Kibxata Caamsaa 13, 2025 irraa eegalee hojii dhaabuu gartokkee ifatti beeksiseera.
Lagannaan kun rakkoo waggoota hedduuf sirna fayyaa biyyatti keessa ture kanneen akka kaffaltii gadi aanaa gar-malee, hojiin garmalee baayyachuu, malaammaltummaa sirnaa fayyaa keessatti dagaage, itti gaafatamummaa dhabuu qaama mootummaa dabalatee dhimmoota yeroo dheeraaf gaafatamaa turee deebi dhaberraa kan ka’e ta’uu sochiin kun beeksiseera.
Sirna fayyaa biyyattii keessatti Haaromsi dhugaan akka dhufuuf irra deddeebi’ee waamichi godhamus mootummaan deebii hiika qabu kennuu hin danddenye. Siriittuu hojjattoota fayyaa fi hooggantoota warra jijjirama leellisan sodaachisuu, ugguruu fi hidhaatti darbachuu itti fufeera.
Yeroo Lagannaa Gartokkee Tajaajilli Kennamu maal maal?
Kibxata irraa eegalee guyyoota shaniif tajaajilli hatattamaa fi lubbuu baraaru qofatu kennama. Isaan keessaa:
- Kutaawwan Dahuumsaa
- Kutaa balaa Cimaa (ICUs)- Kan ga’eessaa fi da’immanii
- Kutaa Baqaqsanii Yaaluu Atattamaa
- Tajaajila Balaa Tasaa Ga’eessotaa fi Daa’immanii
- Kutaawwan Kunuunsa Cimaa Daa’imman Reefuu(NICU)
Tajaajiloonni biroo hundi – daawwannaa yaala deddeebii, baqaqsanii hodhuu filannoo, qorannoo fi beellama beellamame dabalatee – hundinuu addaan citu. Ummanni yeroo kanatti tajaajila waan hin arganneef, dhimma ariifachiisaa hin taaneef hospitaala akka hin deemne gorfama.
Guyyaa Shan Booda Maal Ta’a?
Mootummaan gaaffii ogeeyyii fayyaa tuffachuu yoo itti fufe sambata Caamsaa 18 bara 2025 lagannaa guutuu ni eegalama.Kunis tajaajilli dhaabbata fayyaa maratti kennamu marti ni dhaabbata.
Ajandaa Siyaasaa Dhokataa Hin Qabu
Sochiin Ogeessota Fayyaa Itiyoophiyaa, Waldaa Ogeessota hayyuuu fi beektota ta’aniin kan gaggeeffamu yoo ta’u, lagannaa kana duuba ajandaa siyaasaa dhokataan tokko illee akka hin jirre cimsee ibseera.
Kun mormii siyaasaa osoo hin taane, sirna fayyaa diigamaa jiru baraaruun kabaja hojjettoota eegumsa fayyaa eeguuf waamicha godhamuudha. Ogeeyyiin kunneen haaromsa caasaa sirna fayyaa biyyattii, beenyaa haqa qabeessa, fi mirgi isaanii akka kabajamu gaafatu.
Akkasumas namoonni siyaasaa fi aktivistoonni sochii kana faayidaa dhuunfaa ykn yaada siyaasaaf fayyadamuu irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessaniiru.
Waamicha Ummataaf
Ergaan kun waamicha kallattiin Sochii Ogeessota Fayyaa Itiyoophiyaa irraa dhufeedha. Ummanni dhugaa jiru beekuun isaaf mala: hojjettoonni eegumsa fayyaa dadhabaniiru, kaffaltiin isaanii gadi aanaadha, wanti hunduu hamma baachuu danda’anii ol ta’eera. Tarkaanfii kana kan fudhatan fincila irraa osoo hin taane, abdii kutannaa fi dirqama sirna du’aa jiru oolchuf qaban irraa ka’aniiti.
Kibxata irraa eegalee kunuunsa hatattamaa hin taaneef gara hospitaalota mootummaa hin deeminaa. Ogeessota yeroo dheeraaf isin deeggaran deeggaraa. Sirna eegumsa fayyaa fooyya’aa fi haqa qabeessa ta’eef yeroo falman isaan waliin dhaabbadhaa.
Odeeffadhaa, kana waliif qoodun gootota adda duree Itiyoophiyaa deeggaraa. Sochii eegumsa fayyaa irratti odeeffannoo haaraa argachuuf nu hordofaa.
Miidiyaa hawaasummaa Sochii ogeessa fayyaa Itoophiyaa irraa kan fudhatame.