BBC Afaan Oromoo irratti gabaasni haaraan dhiyeenya waa’ee Dr. Maahilet irratti maxxanfame rakkoo sirna fayyaa Itiyoophiyaa isa caccabe kessa jiru ifatti mul’ise. Dr. Maahileet Guush, ogeettii paatooloojii, sababa sirna fayyaa Itoophiyaa caccabaaf jecha bu’aa bahi hedduu dabarsite.Sirni fayyaa biyattii caccabuurra darbee akka hunkutaa’e kan nu hubachiisu.
Dr. Maahileet bara 2019tti yunivarsiitii Ada’igrat irraa digirii ogummaa fayyaa namaa (medicine) argatte. Booda ammoo Paawuloos Hospitaala Milineemitti barnoota ispeeshaalitii paatooloojii baratte. Dabalataanis yunivarsiitii Ada’igrat, Aksum fi Arbaaminch keessatti barsiistuu turte.
Gosa ispeeshaalitii isheen baratte kanaan namoonni eebbifaman hanga ammaatti lakkofsi isaanii muraasa. uummata miliyoona 110 tajaajiluuf dhiyeenya kana baayyinni isaanii nama 110 hin caalu.
Garuu akkuma ogeeyyii fayyaa baay’ee biraa, rakkoolee hojii gar malee hojjachuu, miidhaa sammuu, kaffaltii dhabuu fi hojiidhaaaf waan guutamuu qabu waan hin guutamneef biyyattii dhiisuu akka filatte dubbatti.
Biyya ollaa keenyaa kan taate Somaaliilaand biyyoota sadarkaa guddinaan itiyoophiyaadhaa gad jiraniidha. Garuu hakimoonni Itiyoophiyaa baayyen garas baqatu. Kaffaltiin achii baayyee guddaa waan ta’eef utuu hin taane can itiyoophiyaa iraa dachaa hedduu waan caaluf malee
Hargeessaa, Somaaliilaand keessatti mindaa baay’ee caalu argachuun, mana jireenyaa fi geejjiba dabalatee haala mijataa akka argatte Dr. Maahileet ni dubbatti. Faayidaa biraa dhiifnee mindaa qofa yoo kaafne mindaan isheen achitti argattu kan Hakimoota akka ishee itiyoophiyaa keessatti hojjatan 20 ta’uu danda’a.
Biyya kan gad dhiiftef dhimma maallaqaa qofaa miti — Dr. Maahileet kabajaa, tasgabbii , haala hojii gaari fi bakka hojii gaaris barbaaddetu. itiyoophiyaa keessa sun hin yaadamu. Yoo gafttes sitti qoofama.
Nutis sanumaaf baqanne
Ogeeyyii fayyaa baay’een — anis isaan keessaa tokko — biyyattii dhiisneerra. Dargaggoonni har’a ogummaa fayyaa barachuuf fedhii hin qaban. Gadadoo, abdii kutannaa fi salphinaan hojjachuu namni filatu hin jiru. Sirna fayyaa kufee fi hattummaan itti baayyate keessatti namni hojjachuu barbaadu eenyu?
Kan nama ajaa’ibu hoggantoonni sirnichaa marti durumaa kaasee waa’ee kanarratti gaaffii gaafa kaafte duuba gaaffii kana polotikaa jira ykn immoo qaama hidhatetu isin oofan barteedha. har’umallee sirni fayyaa kufee hojjataa hunduu dhiisee bahuuf gaafa jedhu wanti isaan jedhan isuma dur sana.
Nuyi warri dursinee dhiifnee baanee utuu hin dubbatin bahuun keenya siyaasaa? Dhaloonni abdii kutatee gaafa hojii sana dhiisee bahe kun siyaasaa? har’umalee dubbii keessan hin geeddartani? Ni hubanna warri fayyaa gaggeessan warra barnoota fayyaa qaban yookan waa’ee fayyaa beekan miti baayyen isanii.
Dhugaa dubbachuuf, sirni fayyaa Itoophiyaa caccabee jira — caccabuuf kan jiru miti.
Aniif hiriyoonni koo yeroo baanu , wanti amma muudate kun ta’uuf akka jiru argaa turre.
Baayyen keenya dhiifnee gaafa baqannu, warri hafe immoo ba’aa cimaan akka isaanirratti kufe beekkamadha. Ammas kana booda wanti hamaan hanga dhufutti gaggeessitoonni sirnichaa faaruu isaanii polotikaa duuba jira jedhu hin dhiisan.
Ergaan Keenya: Sirna Fayyaa Bilisa Baasuu Qabna
Ogeeyyii fayyaa kabajaa fi hojii isaanii tasgabbiin akka hojjetan haala mijeessuu barbaachisa. Sirna fayyaa bilisa, sirrii, amanamaa fi tasgabbii qabu uumutu barbaachisa.
Ammas hoggantoonni dhugaa haa dhagahan yoo jiraattan kanarratti akka hojjtamu feena
Gaaffiin ogeessa fayyaa siyaasaa miti — gaaffii jiraachuti
Barreeffamni kun kan BBC Afaan Oromoo irraa ka’umsa fudhate.
Gabaasa guutuu as irraa dubbisaa: BBC Afaan Oromoo
Ogeeyyiin fayyaa haasawuu qabu. Kun siyaasa miti — lubbuu fi jireenya.