Yeroo tokko tokko utuu itti hin yaadin, utuu hin beekin akka tasaa wal qunnamtii saalaa of eeggannoo malee(Unprotected sexual intercourse) keessa seenuu malta. Tarii hiriyaa ykn nama hin beekne waliin karoora malee miira keessa galuun gara walqunnamtii saalaa osoo hin yaadin raawwachuu seenuu dandeeessa.
Darbee darbees fedha keen ala raawaachuu malta . Carraan akkasii ku nama kamuu muudachuu mala. Keessattuu dargaggoota yeroo baayee mudachuu danda’a. Sis muudatee jira yoo ta’e si qofa miti, namoota baayyee muudateera. Si muudachuu baatus maalumaafuu dubbisi nama biraa ittiin gargaarta
Tarii itti qophooftes gootee homaa hin fayyadamne yoo ta’e yookan kondommiin citeera yoo ta’e tokkuma , hin rifatin — tarkaanfiiwwan barbaachisoo walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne booda fudhachuu qabdu irratti waan gochuu qabdu fi beekuu qabdu sin hubachiisa.
Tarkaanfii 1ffaa: Of Tasgabbeessi
Jalqaba hafuura dheeraa baafadhu. Hin rifatin. Namoonni hedduun muuxannoo kana keessa darbu. Sadarkaa kanatti wanti ati gootu hin jiru wanti darbe darbeera. Ganna darbeef mana hin ijaaran jedha Oromoon. Ammaa booda wanta darbe utuu hin taane wanta gara fulduraatti yookan sana booda gochuu dandeessurratti xiyyeeffadhu

Yoo sodaa ykn haalli mijataa hin taane sitti dhaga’ame, bakka nageenya qabu dhaqi.Fakkenyaf iddoo callisaa . Karaa hundumaan of tasgabeessuu yaali. Nama ati sirriitti amantu fi garaa itti himattu — hiriyyaa, miseensa maatii, barsiisaa, ykn hojjetaa fayyaa wajjin haasa’i.
Yoo keessi kee jeeqamee boqonnaa dhabde miirri akkasii yeroof akka uumamuu akka malu beekuun barbaachisaadha. Yeroo kanatti deeggarsi namoota sitti murteessurra si waliin dhaabbatanii hedduu si gargaara.
Tarkaanfii 2: Ulfa hatattamaa Ittisuu
Amma erga wanti raawwatame raawwatamee booda kan itti aanu kan ati yaaduu qabdu ulfa tasaati. Kun uumame jennaan rakkoo ati hin eegin hedduu qabatee dhufa. Yoo walqunnamtii saalaa booda yeroo muraasa gidduutti yoo fudhatame ulfa ittisuuf kan gargaaru, qorichi ulfa tasaa ittisu jira — yoo danda’ame sa’aatii 72 keessatti fudhadhu.

Qorichoonni kun akkuma ati daftee fudhatteen hangi hojjachuu isa dabala. Hin turin. Ammas utuu ati hin beekin sa’aatin 72 si jalaa darbinaan kan biraa kan fudhatamu jira. Gadaamessa kee keessa kan awwaalamu. Inni kun haga guyyaa 5 tti fudhachuu danddeessa.
Manneen qorichaa, kilinika dhuunfaa, giddugala Marii Stopes, ykn buufata fayyaa mootummaa Itoophiyaa hedduu irraa argachuu dandeessu. Ammas hubadhu daftee yoo fudhatte hojii gaarii hojjeta.
3: Qorannaa dhukkuba wal qunnamtii saalan daddarbanii
Yoo miira gaarii sitti dhaga’amellee, wanti si dhukkubu yoo jiraachuu baateyyuu,dhukkuboota saalqunnamtiin daddarban (STIs) jiraachuu isaanii sakatta’uun barbaachisaadha. Infeekshiniin tokko tokko jalqaba irratti mallattoo hin agarsiisan.

Kanaaf qorannoowwan kana godhi
- HIV
- Dhukkuba fanxoo
- Dhukkuba cophxoo
- Kilaamidiyaa
Qorannoon bilisaa ykn gatii xiqqaadhaan buufataalee fayyaa, kilinika Marie Stopes, kilinika Fannoo Diimaa, fi hospitaalota mootummaa keessatti ni argama.
Qoranoowwan tokko tokko guyyoota muraasa booda gochuu qabda. Fakkeenyaf HIV ji’a booda goota. Sana ogeessa fayyaa faana mar’iadhu.
HIV yoo shakkite ogeessa gaafadhu ,tarii si gargaaru malu qoricha isaa sa’aatii 72 keessatti si eegalchiisun
Tarkaanfii 4ffaa: Qorannoo Ulfaa
Ulfi uumamuu yoo shakkite walqunnamtii saalaa raawwattee guyyoota 7–14 booda ykn guyyaa jalqabaa marsaa laguu kee sirraa hafe irraa eegalee gochuu dandeessa. Yoo ulfi uumame ta’e waan gootu ogeessa faana mari’adhu.Tolee?

Tarkaanfii 5ffaa: Deeggarsa Miiraa
Walqunnamtiin saalaa of eeggannoo hin qabne dhiphina miiraa fiduu danda’a. Miirri balleessumma, miirri qaana’uu yookin ofitti gadduu si muudachuu mala. Miirri kun sirrii dha —of hin ceepha’in kan darbe darbeera.
Nama guddaa amanamaa, geggeessaa amantii ykn gorsaa wajjin haasaʼi.
Of dhiphistee namarraa adda of hin baasin.
Sammuu keef of eeggannoo godhi. Mala ittiin sana keessaa baatu barbaadi malee kun dhuma addunyaa miti.
Tarkaanfii 6ffaa: Kan darberraa barachuu fi Fuulduraaf ittisuu
Wanti akkasii akka lammaffaa hin uumamne of eegi.
Yeroo biraa gochuu yoo yaadde of eegannoo gochuu kee kondommii fayyadamuu kee mirkaneensi.
Yoo dirqiidhan sirratti raawwatame ta’e yookan utuu ati hin beekin qaamni lammataa kondommii baase ta’e waajjira dubartoota ykn immoo poolisii sitti dhiyootti jirutti gabaasi
Xumura
Cuunfaa Ijoo:
- Tasgabbaa’i.
- Ulfa ittisuu hatattamaa yaadi.
- Qoranoo dhukkuba saalqunnamtiin daddarbanii godhi.
- Qorannoo ulfaa godhi.
- Deeggarsa miiraa fi yaalaa barbaadi.
- Yeroo itti aanutti akkamitti of eeguu akka dandeessu baradhu.
Yaadadhu: Ati kophaa kee miti. Qajeelfama kana hiriyoota keessaniif qoodaa — egeree nama tokkoo eeguu danda’uun waan guddaadha
Check out our English : 10 nutrient rich food for pregnant woman